
Dubbisi yookaan sagalee gadii kana dhaggeeffadhu.
Lallaba Yohannis Cuuphaa
3:1Bara sana Yohannis Cuuphaan gammoojjii Yihuudaa keessatti lallabaa dhufe; 2innis, “Mootummaan samii dhiʼaateeraatii qalbii jijjiirradhaa” jedhe. 3Kunis isa waaʼeen isaa karaa Isaayyaas raajichaatiin, “Sagalee nama, ‘Gooftaadhaaf karaa qopheessaa;jedhamee dubbatame sanaa dha.
4Uffanni Yohannis rifeensa gaalaa irraa hojjetame; innis mudhii isaatti sabbata teephaa hidhata ture. Nyaanni isaa immoo hawwaannisaa fi damma bosonaa ture. 5Namoonnis Yerusaalem irraa, Yihuudaa hundaa fi biyya naannoo Yordaanos guutuu irraa gara isaa dhaqaa turan. 6Cubbuu isaaniis himachaa, Laga Yordaanos keessatti isaan cuuphamaa turan.
7Inni garuu yommuu Fariisotaa fi Saduuqota keessaa baayʼeen isaanii utuu gara iddoo inni itti cuuphaa turee dhufanuu argetti akkana jedheen; “Isin ijoollee buutii nana! Dheekkamsa dhufu jalaa akka baqattaniif eenyutu isinitti hime? 8Egaa ija qalbii jijjiirrannaa mirkaneessu naqadhaa. 9Isin, ‘Abbaan keenya Abrahaamii dha’ ofiin jechuu waan dandeessan hin seʼinaa. Waaqni dhagoota kanneen irraa Abrahaamiif ijoollee kaasuu akka dandaʼu ani isinittan himaatii. 10Qottoon amma iyyuu hidda mukkeenii irra kaaʼameera; mukti ija gaarii hin naqanne hundinuus muramee ibiddatti darbatama.
11“Ani qalbii jijjiirrannaadhaafin bishaaniin isin cuupha. Inni na duubaan dhufu garuu na caalaa jabaa dha; ani kophee isaa iyyuu baachuuf hin malu. Inni Hafuura Qulqulluu fi ibiddaan isin cuupha. 12Inni afarsaa ittiin midhaan qulleessu of harkaa qaba; qamadii isaa gombisaatti naqata; oobdii isaa ni qulqulleessa; habaqii garuu ibidda hin dhaamneen guba.”
Cuuphamuu Yesuus
13Yesuus ergasii Yohannisiin cuuphamuuf Galiilaadhaa gara Laga Yordaanos dhufe. 14Yohannis garuu, “Ani siin cuuphamuu na barbaachisa; ati immoo gara koo dhuftaa?” jedhee isa dhowwe.
15Yesuusis deebisee, “Ammaaf akkanuma haa taʼuu dhiisi; nu qajeelummaa hunda raawwachuudhaaf waan kana gochuu qabnaatii” jedheen. Yohannisis isa dhowwuu dhiise.
16Yesuusis akkuma cuuphameen bishaan keessaa ol baʼe. Innis yommusuma samiin banamee, utuu Hafuurri Waaqaa akkuma gugeetti gad buʼee isa irras qubatuu arge. 17Sagaleen tokkos samii irraa, “Kun Ilma koo isa ani jaalladhuu dha; isatti baayʼee nan gammada” jedhe.
Yesuus Hoolaa Waaqaa
1:29Guyyaa itti aanutti Yohannis utuu Yesuus gara isaa dhufuu argee akkana jedhe; “Ilaa Hoolaa Waaqaa isa cubbuu addunyaa balleessu! 30Inni ani, ‘Namni na duubaan dhufu na caala; inni na dura tureetii’ jedhee waaʼee isaa dubbadhe sun isa kana. 31Ani mataan koo iyyuu isa hin beekun ture; sababiin ani bishaaniin cuuphaa dhufeef garuu akka inni saba Israaʼelitti mulʼifamuuf.”32Yohannis itti fufee akkana jedhee dhugaa baʼe; “Ani utuu Hafuurri akkuma gugeetti samii irraa gad buʼee isa irra jiraatuu nan arge. 33Inni akka ani bishaaniin cuuphuuf na erge sun, ‘Namichi ati utuu Hafuurri gad buʼee isa irra jiraatuu argitu sun, isa Hafuura Qulqulluudhaan cuuphu dha’ jedhee utuu natti himuu baatee silaa ani iyyuu isa hin beeku ture. 34Anis argeera; akka inni Ilma Waaqaa taʼes dhugaa baʼeera.”
Yeroo muraasa fudhadhu akka ati hima kana jechoota keetiin deebistu. Yeroo baay'ee dubbachuuf ykn barreessuu barbaaduu dandeessa. Yoo yaadachuuf rakkatte, irra deebi'ii dubbisi ykn dhaggeeffadhu.
Yeroo seenaa sanaan wal-barbaachiftu, yeroo muraasa fudhadhu yaada itti kenni yookaan gaaffilee armaan gadii irratti mari'adhu.
Get Discovery Bible Studies on your phone
Discover copyright ©2015-2026 discoverapp.org
Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa™, Loqoda Dhiʼaa. Mirgi seeraan eegama © 2022 Biblica, Inc. Biblica® Open New Oromo Contemporary Version™, Western. Copyright © 2022 by Biblica, Inc. "Biblica" jechuun mallattoo eenyummaa kan Biblica, Inc., Waajjira Eeyyamaa fi Mallattoo Eenyummaa kan Ameerikaa keessaatti galmeessee dha. Eeyyamaan itti fayyadamu.