
Dubbisi yookaan sagalee gadii kana dhaggeeffadhu.
23:32Namoonni biraa kanneen yakkitoota turan lamas isa wajjin ajjeefamuuf geeffaman. 33Yommuu iddoo Buqqee Mataa jedhamu gaʼanitti achitti isa fannisan; yakkitoota sanas, isa tokko mirga isaatiin, kaan immoo bitaa isaatiin fannisan. 34Yesuusis, “Yaa Abbaa, isaan waan hojjetan hin beekaniitii isaaniif dhiisi” jedhe. Isaanis ixaa buufatanii uffata isaa gargar qooddatan.
35Namoonnis achi dhadhaabatanii ilaalaa turan; bulchitoonni garuu, “Inni warra kaan oolcheera. Inni yoo dhuguma Kiristoos Waaqaa isa Filatamaa sana taʼe mee of haa oolchuu!” jedhanii isatti qoosan.
36Loltoonnis isatti dhiʼaatanii itti qoosaa daadhii wayinii dhangaggaaʼaa kennaniifii, 37“Ati yoo mootii Yihuudootaa taate mee of oolchi” jedhan.
38Katabbiin,
Kun Mooticha Yihuudootaa ti,
jedhu tokkos mataa isaatii ol ture.
39Yakkitoota achitti fannifaman keessaa tokko, “Ati Kiristoos mitii? Mee of oolchi; nu illee oolchi!” jedhee isa arrabse.
40Yakkituun kaan garuu akkana jedhee isa ifate; “Atis waan murtii wal fakkaatu jala jirtuuf, Waaqa illee hin sodaattuu? 41Nu adabbii sirrii adabamaa jirra; gatii hojii keenyaaf malu argachaa jirraatii. Namichi kun garuu yakka tokko illee hin hojjenne.”
42Yesuusiinis, “Yaa Yesuus, yeroo mootummaa keetiin dhuftutti na yaadadhu” jedhe.
43Yesuusis deebisee, “Ani dhuguman sitti hima; ati harʼa na wajjin jannatatti ni galta” jedheen.
Duʼuu Yesuus
44Yeroon sun gara saʼaatii jaʼaa ture; hamma saʼaatii sagaliitti dukkanni lafa hunda irra buʼe; 45aduun ifa dhowwatteetii. Golgaan mana qulqullummaas iddoo lamatti ni tarsaʼe. 46Yesuusis sagalee guddaadhaan iyyee, “Yaa Abbaa, ani hafuura koo dabarsee harka keettin kennadha” jedhe. Kana jedhees hafuura dhumaa baafate.
47Ajajaan dhibbaa sunis yommuu waan taʼe sana argetti Waaqaaf ulfina kennee, “Dhugumaanuu namichi kun nama qajeelaa ture” jedhe. 48Namoonni waan kana ilaaluuf iddoo sanatti walitti qabaman hundi yommuu waan taʼe sana arganitti qoma isaanii rurrukutaa achii deeman. 49Warri isa beekan hundi, dubartoonni Galiilaadhaa isa duukaa buʼanis fagoo dhaabatanii waan kana ilaalaa turan.
Awwaalamuu Yesuus
50Kunoo namicha miseensa waldaa Yihuudootaa kan Yoosef jedhamu tokkotu ture; inni nama gaarii fi qajeelaa ture; 51innis murtii fi hojii isaanii irratti jaraan walii hin galle. Yoosef magaalaa Yihuudaa kan Armaatiyaa jedhamtuu dhufe; innis mootummaa Waaqaa eeggachaa ture. 52Namichi kun gara Phiilaaxoos dhaqee reeffa Yesuus kadhate. 53Reeffa sanas gad buusee huccuu quncee talbaa irraa hojjetameen kafanee awwaala garaa kattaa keessatti qotame kan namni tokko iyyuu duraan itti hin awwaalamin tokko keessa kaaʼe. 54Guyyaan sun Guyyaa qophii ture; Sanbannis seenuu gaʼeera.
55Dubartoonni Yesuus wajjin Galiilaadhaa dhufanis Yoosef duukaa buʼanii awwaala sanaa fi akka itti reeffi Yesuus awwaala keessa kaaʼame argan. 56Achii deebiʼaniis qayyaa fi shittoo qopheessan. Guyyaa Sanbataa garuu seeraaf ajajamuuf jedhanii boqotan.
Yeroo muraasa fudhadhu akka ati hima kana jechoota keetiin deebistu. Yeroo baay'ee dubbachuuf ykn barreessuu barbaaduu dandeessa. Yoo yaadachuuf rakkatte, irra deebi'ii dubbisi ykn dhaggeeffadhu.
Yeroo seenaa sanaan wal-barbaachiftu, yeroo muraasa fudhadhu yaada itti kenni yookaan gaaffilee armaan gadii irratti mari'adhu.
Get Discovery Bible Studies on your phone
Discover copyright ©2015-2026 discoverapp.org
Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa™, Loqoda Dhiʼaa. Mirgi seeraan eegama © 2022 Biblica, Inc. Biblica® Open New Oromo Contemporary Version™, Western. Copyright © 2022 by Biblica, Inc. "Biblica" jechuun mallattoo eenyummaa kan Biblica, Inc., Waajjira Eeyyamaa fi Mallattoo Eenyummaa kan Ameerikaa keessaatti galmeessee dha. Eeyyamaan itti fayyadamu.