
Dubbisi yookaan sagalee gadii kana dhaggeeffadhu.
Yesuus Toomaasitti Mulʼate
20:24Garuu yeroo Yesuus dhufetti warra Kudha Lamaan keessaa Toomaas inni Didimoos jedhamu tokko barattoota wajjin hin turre. 25Kanaafuu barattoonni warri kaan, “Nu Gooftaa argineerra!” jedhanii isatti himan.Inni garuu, “Ani iddoo mismaaraan waraaname harka isaa irratti argu malee, quba koo iddoo mismaaraa sana keessa kaaʼu malee, harka koos cinaacha isaa keessa kaaʼu malee hin amanu” jedheen.
26Guyyaa saddeeti booddee barattoonni isaa ammas mana keessa turan; Toomaasis isaan wajjin ture. Utuma balbalichi cufamee jiruus Yesuus ol galee isaan gidduu dhaabatee, “Nagaan isiniif haa taʼu!” jedheen. 27Innis Toomaasiin, “Quba kee as fidi; harka koo ilaali. Harka kee diriirfadhuutii cinaacha koo keessa kaaʼi. Amani malee amantii hin dhabin” jedhe.
28Toomaas immoo, “Gooftaa koo! Waaqa koo!” jedheen.
29Yesuusis, “Ati waan na argiteef amante; warri utuu hin argin amanan eebbifamoo dha” jedheen.
Yeroo muraasa fudhadhu akka ati hima kana jechoota keetiin deebistu. Yeroo baay'ee dubbachuuf ykn barreessuu barbaaduu dandeessa. Yoo yaadachuuf rakkatte, irra deebi'ii dubbisi ykn dhaggeeffadhu.
Yeroo seenaa sanaan wal-barbaachiftu, yeroo muraasa fudhadhu yaada itti kenni yookaan gaaffilee armaan gadii irratti mari'adhu.
Get Discovery Bible Studies on your phone
Discover copyright ©2015-2026 discoverapp.org
Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa™, Loqoda Dhiʼaa. Mirgi seeraan eegama © 2022 Biblica, Inc. Biblica® Open New Oromo Contemporary Version™, Western. Copyright © 2022 by Biblica, Inc. "Biblica" jechuun mallattoo eenyummaa kan Biblica, Inc., Waajjira Eeyyamaa fi Mallattoo Eenyummaa kan Ameerikaa keessaatti galmeessee dha. Eeyyamaan itti fayyadamu.