Macaa Amantaa

Barnoota 9

Waldaa Amantoota

Hojii 2:42-47

Kutaa 1: Asoosama dubbisi

Dubbisi yookaan sagalee gadii kana dhaggeeffadhu.

x1.0

Tokkummaa Amantootaa

2:42Isaanis barsiisa ergamootaatti, jireenya tokkummaatti, buddeena caccabsuutti, Waaqa kadhachuuttis ni jabaatan. 43Namni hundinuus sodaan guutame; dinqii fi mallattoon baayʼeen ergamootaan hojjetame. 44Amantoonni hundinuus wajjin turan; waan hundas walumaan qabu turan. 45Qabeenya isaaniitii fi miʼa isaaniis gurguranii nama rakkina qabu kamiif iyyuu qoodaa turan. 46Isaanis guyyuma guyyaan mana qulqullummaatti wal gaʼaa turan; mana tokkoo tokkoo isaaniittis buddeena kukkutanii, gammachuu fi garaa qulqulluudhaan wajjin nyaachaa turan. 47Waaqas galateeffachaa turan. Namoota hunda durattis ulfina qabu turan. Gooftaanis guyyuma guyyaan warra fayyan waldaa isaaniitti dabalaa ture.

Kutaa 2: Akkaataan Gabaasa Gaarii

Yeroo muraasa fudhadhu akka ati hima kana jechoota keetiin deebistu. Yeroo baay'ee dubbachuuf ykn barreessuu barbaaduu dandeessa. Yoo yaadachuuf rakkatte, irra deebi'ii dubbisi ykn dhaggeeffadhu.

Kutaa 3: Odeeffannoo Barbaadi

Yeroo seenaa sanaan wal-barbaachiftu, yeroo muraasa fudhadhu yaada itti kenni yookaan gaaffilee armaan gadii irratti mari'adhu.


Get it on Google Play
Download on the App Store

Get Discovery Bible Studies on your phone

Discover copyright ©2015-2026 discoverapp.org

Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa™, Loqoda Dhiʼaa. Mirgi seeraan eegama © 2022 Biblica, Inc. Biblica® Open New Oromo Contemporary Version™, Western. Copyright © 2022 by Biblica, Inc. "Biblica" jechuun mallattoo eenyummaa kan Biblica, Inc., Waajjira Eeyyamaa fi Mallattoo Eenyummaa kan Ameerikaa keessaatti galmeessee dha. Eeyyamaan itti fayyadamu.